Manni Marichaa ergaa baga gammaddanii dabarse

Wait 5 sec.

Finfinnee,Waxabajjii 17, 2018 (FMC) – Mana Maree Waloo Paartilee Siyaasaa Naannoo Oromiyaa ergaa baga gammaddanii dabarseera.Guutuun ergichaa haala armaan gadiin dhiyaatera.Manni Maree Waloo Paartilee Siyaasaa Naannoo Oromiyaa, rakkoolee roga hedduu naannoo fi biyya keenyaa tumsa mootummaa fi Paartii Badhaadhinaa biyya bulchaa jiru faana qajeeltoo tokkummaa fi dorgommiitin furuuf hojjachaa turuun isaa ni yaadatama.Filannoon biyyoolessaa fi naannoo marsaa 7ffaa bara 2018 gaggeeffame karaa nagaa akka xumuramu hojjachuun gamatti, carraawwan jiranitti fayyadamuun sagantaalee paartii keenyaa ummataaf dhiheessudhaan yeroo itti ummatatti dhiyaannee dorgomuuf carraa itti arganneedha.Adeemsi filannoo waliigalaa nagaa, dimokiraatawaa, fi haqa qabeessa akka ta’uuf tattaaffiin qooda fudhattootaa hundi ol’aanaa akka ta’ee fi nutis miseensonni mana marichaa bu’aa argame fudhannee murtee ummataa akka kabajnu ummata naannoo fi biyya keenyaaf mirkaneessuu barbaanna. Kana irraa ka’uudhan ergaawwan galateeffannaa fi baga gammaddanii armaan gadii dabarsuu barbaanna.• Filannoon karaa nagaa xummuramee biyyi waan injifatteef ummanni keenya hundi baga gammaddan isiniin jechuu barbaanna.• Adeemsi filannoo fi bu’aan filannoo dimokiraatawaa ta’ee murteessummaan ummataa kan mirkanaa’e waan ta’eef, sagalee ummataa galata guddaadhaan fudhanna.• Paartilee siyaasaa fi qooda fudhattoota adeemsa filannoo seena qabeessa kana keessatti hirmaatan hundaaf manni maree waloo keenyaa galata guddaa dhiyeessa.• Dhumarrattis, Paartiin Badhaadhinaa sagalee ummataa caalmadhaan injifachuu isaa Boordiin Filannoo Biyyaalessaa akka mirkaneessetti nutis Manni Maree Waloo Paartilee Siyaasaa Naannoo Oromiyaa carraa kanatti fayyadamuun Paartii Badhaadhinaatin baga gammaddan jechaa, gara fuula duraatti dhimmoota naannoo fi biyyaalessaa irratti waliin hojjechuuf qophii ta’uu keenya carraa kanaan mirkaneessuu barbaanna.Walumaagalatti፣ Filannoon Biyyoolessaa marsaa 7ffaa’n murteessummaa ummataa ifatti kan mirkaneessee fi qaamoleee hundaaf barumsa kennuurra darbee, bal’achuu dirree dimokiraasii biyya keenyaatiif ashaaraa/mallattoo kaa’ee kan darbe waan ta’eef qaamoleen hundi adeemsa jalqabaa kana sadarkaa olaanaatti ceesisuuf hojjachuu fi barii filannoo irraa kaasee xiyyeeffannoo keenya gara misoomaa fi nageenya mirkaneessutti deebisuun dameewwan gara garaatin jijjiirama fiduuf hojjechuu qabna.Paartiin Badhaadhinaas amaanaa ummanni itti kenne kunuunsaa, addatti gama nageenyatiin, qaala’ina jireenyatiin, birmadummaa fi faayidaa biyyaalessaa irratti, akkasumas akka biyyaatti mariin biyyoolessaa jalqabame milkaa’inaan akka xumuruu fi gaaffii ummataa deebisuuf halkanii guyyaa cimee akka hojjatu gorsa keenya dhiyeessuufi barbaanna