Finfinnee,Waxabajjii 22, 2018 (FMC) – Piroojektiin Qarqara Laga Qabbannaa Magaalaa Finfinneef simboo dabalataa ta’eera jedhan Kaantiibaan magaalichaa Aadde Adaanech Abeebeen.Namaan kan bade, namaan misoome jedhan.Kan uumaan nu badhaase Qabbannaa, namni balleesse, namni kennaan uumamaa kun baduun isa gaabbisise ammoo Qabannaan irra deebiin akka dhalatu taasiseera jedhan.Lagni Qabbannaa barootaaf sirbaa fi yaadannoon qofaan maqaan isaa waamamaa ture har’a irra deebiin dhalateera.Qabbannaan eenyummaan uumama isaa badee, bakka kuusaa balfaa ta’ee, foolii badaan guutamee ture.Lageen bakka kuusaa balfaa fi madda dhibeewwanii ta’anii turan dhamaatii fi dafqaan yaalamuun, jiraattoota magaalichaaf madda abdii fi gammachuu ta’aa jiru.Piroojektiin yeroo gabaabaa keessatti haala addaan hojjetame kun Piroojektoota biroo waliin ta’uun simboo magaalichaa ta’aniiru.#Oromia #Ethiopia