Finfinnee,Waxabajjii 22, 2018 (FMC) – Ashaaraan Magariisaa bu’uura dhalootaa cimsa jedhan Af Yaa’iin Caffee Oromiyaa Aadde Sa’aadaa Abdurrahmaan.Af Yaa’iin Caffee Oromiyaa Aadde Sa’aadaa Abdurrahmaan magaalaa Shaggar kutaa Magaalaa Buraayyuutti sagantaa Ashaaraa magariisaa marsaa 8ffaa eegalchiisaniiru.Sagantaan ashaaraa magariisaa ijaarsa biyyaaf gahee olaanaa qabaachuu fi bu’uura dhalootaa kan cimsu ta’uu ibsan.Oromiyaatti waggoottan darban biqiltuun biiliyoonni 28 dhaabbachuu himan.Magaalaan Shaggar erga hundeeffamee biqiltuun gosti gargaraa miiliyoonaa 72 dhaabbaachuu Kaantibaan Magaalichaa Dooktar Tashoomaa Addunyaan ibsaniiru.Kanaanis uwwisni bosonaa % 11 ture gara % 21 guddachuu kaasan.Gammachuu Beekumaatiin#Oromia #Ethiopia