Sagantaa dhaabbii biqiltuu ashaaraa magariisaa Godinaalee fi Magaalotaa…

Wait 5 sec.

Finfinnee,Waxabajjii 22, 2018 (FMC) – Godinaalee fi Magaalota Oromiyaa garaagaraatti sagantaan dhaabbii biqiltuu ashaaraa magariisaa eegalameera.Godina Boorana Bahaatti sagantaan dhaabbii biqiltuu Ashaaraa magariisaa kutaalee hawaasaa garaagaraa hirmaachise gaggeeffamaa jira.Sagantaa kanaanis biqiltuuwwan gosa adda addaa miliyoona 25 ol bara darbe dhaabaman kunuunfamaa jiru.Godina Wallaggaa Bahaattis Dhaabbiin Biqiltuu Ashaaraa Magariisaa raawwatamaa jira.Akkasuma Bulchiinsa Magaalaa Mattuutti dhaabbii biqiltuu Ashaaraa Magariisaan biqiltuuwwan gosa adda addaa miiliyoona 2.9 lafa heektaara 67 ol irra dhaabuuf hojjetamaa jira.Bulchiinsa Magaalaa Najjoottis dhaabbiin biqiltuu ashaaraa magariisaa bara kanaa kutaalee hawaasaa adda addaa hirmaachisuun eegalamuu ragaan BKO irraa argame ni mul’isa.#Oromia #Ethiopia