Finfinnee, Waxabajjii 22, 2018( FMC)- Ashaaraan Magariisaa eegeree diinagdee Biyyaati jedhan Pireezidaantii Itti aanaan Mootummaa Naannoo Oromiyaa obbo Awwaluu Abdiin.Obbo Awwaluu Abdiin dhaabbii biqiltuu Ashaaraa Magariisaa bara kanaa Godina Shawaa Lixaa Aanaa Dandiitti eegalchiisaniiru.Obbo Awwaluu abdiin wayita kana Ashaaraan Magariisaa eegeree diinagdee biyyaa ta’uu himuun, mootummaan naannoo Oromiyaa imala Birmadummaa diinagdee eegalame milkeessuun hiyyummaa seenaa taasiisuuf hojjechaa jiraachuu ibsaniiru.Godina Shawaa Lixaatti bara kana sagantaa Ashaaraa Magariisaan biqiltuu miiliyoona 500 fi miiliyoona 11 lafa heektaara 94 irratti dhaabuuf karoorfamee hojjetamaa jiraachuu ragaan Kominikeeshinii Oromiyaarraa argame ni mul’isa.#Oromia #Ethiopia