Morkii Biraaziil Jaappaan waliin taasiftu…

Wait 5 sec.

Finfinnee,Waxabajjii 22, 2018 (FMC) – Taphoota moo’anii darbuu Waancaa Addunyaan morkiin har’a Biraaziil Jaappaan waliin taasiftu ni eegama.Har’a galgala sa’aatii 2:00 eegalee Biraaziil Jaappaan waliin taphatti.Biyyoonni lamaan kana dura taphoota 10 waliin taphatan keessaa Biraaziil yeroo 7 yoo injifattu, Jaappaan si’a 2 injifachuun, tapha tokko ammoo qabxii qooddataniiru.Akkasuma falmiin halkan sa’aatii 5:30 eegalee Jarmanii fi Paaraaguwaay gidduutti taasifamu ni eegama.Biyyoonni lamaan taphoota as dhiyeenya waliin taphatan 3 keessaa yeroo tokko tokko wal injifachuun, tapha tokko ammoo qabxii qooddataniiru.Tapha moo’anii darbuu eda eegalameen Kaanaadaan Afrikaa Kibbaa injifachuun marsaa itti aanuutti darbuun kan yaadatamuudha.#Oromia #Ethiopia