Daataan Hidda dhiigaa sirna diijitaalaati

Wait 5 sec.

Finfinnee,Waxabajjii 17, 2018 (FMC) – Daataan humna olaanaa sosochii odeeffannoo, murtoo fi kalaqaa sadarkaa idil addunyaa ta’eera.Har’a dhaabbilee jajjaboon fedhii maamiltootaa hubachuu, imaammata bu’aa qabeessa mootummaa qopheessuuf, akkasuma saayintistoonni rakkoolee gara fuulduraa xinxaaluuf daataa bu’uura godhatu.Sirni Diijitaalaa ragaa karaa elektirooniksiin walitti qabuu, kuusuu, qindeessuu fi kan daddabarsu bu’uura teeknooloojiiti.Sirnoonni kunneen qixa sirriin akka raawwataman daataan barbaachisaadha.Yoo daataan hin jiraanne sirni hojiira ooluu hin danda’u. Daataan dogoggoraa yookaa guutuu hin taane bu’aa sirrii kennuu hin danda’u.Kanaaf Daataan hidda dhiigaa sirna diijitaalaati jedhama.Dhimmoota Daataan seelii dhiigaa akka ta’eetti mul’isan keessaa murtee kennuu, si’oomina, iftoominaa fi itti gaafatamummaa, akkasumas kalaqaa fi guddina.Daataan faayidaa barbaachisu akka laatu, sirriin yaaduu, qulqullummaa isaa sirnaan hordofuu,haleellaa saayibarii ittisuun sirnoota nageenyummaa cimaa ta’e uumuu fi iccitii odeeffannoo dhuunfaa eeguun murteessadha.Mootummaa cimaa ijaaruu fi bilisummaa imaammata mirkaneessuuf birmadummaan Daataa ijoo fi bu’uura jedhan Ministirri Muumm FDRI Dooktar Abiy Ahimad.Waggoottan darba keessaa ogeeyyii dandeettii Daataa walitti qabuu, gurmeessuu fi xinxaaluu sadarkaa fooyya’aarra qaqqabsaan horachuun dadna’ameera.Birmadummaan biyyaa daangaa fi dandeettii qaamaa ittisuu qofa osoo hin taane, birmadummaa Daataa, Nyaataa fi Imaammataa mirkaneessuu dabalataan bulchiinsa daataaf xiyyeeffannoon addaa kennamee hojjetamaa jira.Kanaafis daataa mataa ofii karaalee adda addaan walitti qabuu, kuusuu fi xinxaaluu danda’uun bilisummaa imaammata biyyaaf akkaan murteessaadha.#Oromia #Ethiopia