Taphoonni Waancaa Addunyaa 23ffaan har’as itti fufuun ni taphatamu

Wait 5 sec.

Finfinnee,Waxabajjii 15, 2018 (FMC) – Taphoota Waancaa Addunyaa 23ffaa Ameerikaa, Kaanaadaa fi Meeksikoon waloon qopheessan oolmaa guyyaa 12ffaan har’a taphoonni eegaman ni taphatamu.Har’a halkan sa’aatii 2:00 eegalee Arjentiinaan Ostiriyaa waliin taphatti.Arjentiinaan tapha har’aa injifannaan marsaa itti aanuuf darbuu mirkaneeffatti.Akkasuma halkan qixxee sa’aatii 6:00 eegalee Faransaayi Iraaq waliin morkatti.Faransaayiis tapha kana injifannaan marsaa itti aanutti darbuu mirkanneeffatti.Halkan gara barii Iyya Handaaqqoo eegalee falmiin Noorweey – Seenaagaal waliin taasiiftu ni eegama.Boru ganama sa’aatii 12:00 jalqabee yeroo jalqabaaf waancaa addunyaarratti hirmaataa kan jirtu Joordaan Aljeeriyaa waliin taphatti.Tapha jalqabaan Noorweey galchii 4 fi 1’n Iraaq, Faransaayi ammoo galchii 3 fi 1’n Seeneegaal injifachuun kan yaadatamuudha.Akkasuma Arjentiinaan galchii 3 fi 0’n Aljeeriyaa, Ostiriyaan ammoo galchii 3 fi 1’n Joordaan injifataniiru.#Oromia #Ethiopia