Faayidaa Itiyoophiyaa irratti humnoota Itiyoophiyaa hunda waliin tumsaan nan hojjedha- IZEMA

Wait 5 sec.

Finfinnee, Waxabajjii 15, 2018(FMC)- Faayidaalee biyyaalessaa Itiyoophiyaa irratti humnoota Itiyoophiyaa hunda waliin tumsaan nan hojjedha jedhe Paartiin Haqa Hawaasummaa lammiilee Itiyoophiyaaf( IZEMA).Paartichi bu’aan filannoo waliigalaa 7ffaan ifoomuu hordofee ibsa kenneen filannichi nagaan xumuramuu isaan baga gammanne jedheera.Paartichi iddoowwan dorgometti teessoowwan Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataa 13, kan naannoleefi Mana Maree Magaalaa73 ida’amaan teessoowwan 86 argachuu eereera.Kaadhimamtoota, miseensota, deeggartoota Paartichaafi qaamolee adeemsa filannoo keessatti hirmaataniif ergaa baga gammaddanii dabarseera.Paartichi cimina isaa itti fufsiisuun fi hanqinoota isaa tarsiimoon furuun paartii dorgomaa dhugaa ta’ee akka hojjetus ibseera.Yeroo itti aanuttis faayidaalee biyyaalessaa irratti humnoota Itiyoophiyaa hunda waliin tumsaan akka hojjetu ibsuun, garaagarummaa karaa naamuusa qabuun calaqqisiisuun aadaa siyaasaa ammayyaa eegale guddisuufi milkaa’ina dabalataaf qophaa’uuf waadaa seeneera.Paartii Badhaadhinaa biyya bulchuuf filatame akkasumas paartileen dorgomtootaa dorgommicharratti hirmaachuun bakka bu’ummaa uummataa mirkaneessitan baga gammaddan jedheera.#Oromia #Ethiopia