Ummata nu filate kan galateeffannu jechootan qofa osoo hin taane deebii rakkoo isaa furu kennuuni- Kantiibaa Adaanech Abeebee

Wait 5 sec.

Finfinnee, Waxabajjii 15, 2018 (FMC)- Ummata nu filate kan galateeffannu jechootan qofa osoo hin taane deebii rakkoo isaa furu qabatamaan kennuuni jedhan Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebeen.Kantiibaa Adaanech Abeebeen gama miidiyaa hawaasummaa isaaniin ergaa dabarsaniin, tajaajila tola ooltummaa gannaan Waajjira Kantiibaa duubatti ijaarsa ‘Mandara Gaarummaa Aradaa’ eegachiifneerra jedhan.Aadde Adaanech ummata nu filate kan galateeffannu jechootan qofa osoo hin taane deebii rakkoo isaa furu qabatamaan kennuuni jedhan.Kanaanis amantaa uummanni nutti kenneen Itiyoophiyaa hogganuuf, waggoottan shan dabalataan Paartii Badhaadhinaaf kenname ganama tajaajila tola ooltummaan manneen jireenyaa mijatoo hin taane fi naannawicha gara mandara qulqulluutti jijjiiruuf manneen Waajjira Kantiibaa duubatti argaman ‘Mandara Gaarummaa Aradaa ’ ijaarsa eegalchiifnerra jedhan.Tajaajila tola ooltummaa gannaan manneen kuma 2 fi 500 ijaaruuf karoorfamuu ibsuun, kan har’a ijaarsi isaa eegalame kunis Gamoo abbaa darbii 9 saddeetiifi fi giddugala gabaa abbaa darbii 4 ta’uu eeraniiru.Tajaajila tola ooltummaa gannaan manneen ijaaruun dabalata naannawaa qulqulleessuu, bo’oowwan ittisa lolaa ijaaruu,Maaddii qooduu, dhiiga arjomuu, Biqiltuuwwan dhaabuu fi barnootaa fi tajaajila fayyaa bilisa kennuu kan of keessa qabu ta’uu akeekaniiru.Kantiibaa Adaanech Abeebeen Mandara Gaarummaa Aradaa ijaaruuf kanneen waadaa galaniifi akkasumas waloon ijaaruuf fedhii agarsiisan, abbootii qabeenyaa fi jiraattoota magaalichaa galateeffataniiru.#Oromia #Ethiopia