Itiyoophiyaafi Niwuuzilaand waliigaltee carraa gabaa gam-lamee mallatteessan

Wait 5 sec.

Finfinnee, Waxabajjii 18, 2018(FMC)- Itiyoophiyaafi Niwuuzilaand waliigaltee carraa gabaa gam-lamee waliif mallatteessaniiru.Waliigaltichi adeemsa Itiyoophiyaan miseensa Dhaabbata Daldalaa Addunyaa ta’uuf taasiftuuf boqonnaa olaanaa ta’uun ibsameera.Waliigalticha Mootummoota Gamtoomaniifi dhaabbilee biroo idil-addunyaa Jeeneevaatti argamaniitti Ergamaan dhaabbii Itiyoophiyaa Ambaasaaddar Tsaggaab Kababaawu fi Dhaabbata Daldalaa Addunyaatti Ergamaa Dhaabbii Niwuuzilaand fi Walitti qabaa itti aanaan Mana Maree Olaanaa dhaabbatichaa Ambaasaaddar Kileer Keeliin mallatteessaniiru.Ambaasaaddar Tsaggaab wayita kana waliigaltichi tumsa diinagdee biyyoota lameenii cimsuuf akkasumas sirna daldalaa iftoomina qabuufi seera irratti hundaa’e deeggaruuf kutannoo waloo kan ibsu ta’uu eeraniiru.Miseensa Dhaabbata Daldalaa Addunyaa ta’uun ajandaa fooyyessii diinagdee Itiyoophiyaa hojiirra oolaa jiru keessatti dhimma tarsiimawaa biyyaalessaa dursi kennamuuf ta’ee akka itti fufu ibsuusaanii Ministeerri Dhimma Alaa Faanaa Diijitaaliif ibseera.Ambaasaaddar Kileer Keeliin gamasaaniin, Itiyoophiyaan miseensa dhaabbatichaa akka taatuuf Niwuuzilaand deeggarsa ishee cimsitee akka itti fuftu mirkaneessaniiru.#Oromia #Ethiopia