Paartiin Badhaadhinaa Waadaa Ummataaf Gale Raawwachuuf Kutannoo Qaba

Wait 5 sec.

Finfinnee, Waxabajjii 18, 2018(FMC) – Mariin xumura hojiiwwan filannoo walii-galaa 7ffaa kan hoggantoota dhaabbilee federaalaa hirmaachise gaggeeffamaa jira.Marii kanarratti miseensi Koree Hojii Raawwachiiftuu Paartii Badhaadhinaa fi Hoogganaan Damee Ijaarsaa Obbo Fiqaaduu Tasammaa akka jedhanitti; paartichi filannoo kanaan galmawwan kaayyeffate milkeesseera.Hoggantoonni dhaabbilee federaalaa filannicha qindeessuu, falmiiwwan irratti dammaqinaan hirmaachuu fi naannoleef deeggarsa gochuun hojii bu’a qabeessa hojjechuu ibsaniiru.Keessattuu, hoggantoonni magaalaa Finfinnee keessatti dammaqinaan hirmaachuun paartichi galma isaa akka milkeessuuf shoora olaanaa akka taphatan agarsiisaniiru.Filannoon walii-galaa 7ffaan ummatni nagaa, misoomaa fi dimookiraasii mirkaneessuuf kutannoo qabu kan itti agarsiise ta’uu isaas ibsaniiru.Hoggantoonni paartichaa injifannoon booda ummata isa amanee fi eeyyama kenneef imaanaa fudhatan aantummaan ba’achuu akka qaban hubachiisaniiru.Boru abdachuun ummata paarticha filateef, Paartiin Badhaadhinaa waadaa maaniifastoo isaan gale raawwachuuf kutannoo jabaa kan qabu ta’uu mirkaneessaniiru.Andu’aalam Tasfaayeetu gabaase#Oromia #Ethiopia