Finfinnee, Waxabajjii 18, 2018 (FMC) Pireezidantiin Naannoo Sidaamaa Obbo Dastaa Leeddaamoo sagantaa Ashaaraa Magariisaa bara kanaa magaalaa Hawaasaatti eegalchiisaniiru.Obbo Dastaa Leddaamoon wayita kana ergaa dabarsaniin, naannawaan Ashaaraa Magariisaatiin misooman namoota hedduuf madda qabeenyaa ta’uu eegaluu ibsaniiru.Sagantaa kanaan naannawaa misooman caalaatti eegumsa taasisuun, akka madda qabeenyaa ta’aniif cimanii hojjechuun barbaachisaa ta’uu kaasaniiru.Ummanni naannichaa sagantaa Ashaaraa Magariisaarratti dammaqinaan hirmaachurra darbee biqiltuuwwan akka kunuunsan waamicha dhiyeessaniiru.Naannichatti sagantaa Ashaaraa Magariisaa bara kanaan biqiltuuwwan faayida agaragaraa qaban miiliyoona 300 fi miiliyoona 26 ol dhaabuuf qophaa’uus eeraniiru.Birhaanuu Bagaashawutu gabaase.