Finfinnee, Waxabajjii 18, 2018 (FMC)- Yuunivarsiitiin Wallaggaa Barattoota muummeewwan barnootaa garaagaraan barsiisaa ture 920 guyyaa har’a eebbisiseera.Itti aanaan pireezidaantii dhimmoota akkaadaamii Yuunivarsiitii Wallaggaa Dooktar Malkaa Hiikaa saganticharratti haasawa taasisaniin,Yuunivarsiitiin Wallaggaa hundeeffama isaa irraa eegaluun barattoota kuma sagaltamaa ol barsiisuun biyyaaf gumaachaa jira jedhan.Bara kanas marsaa 21ffaan barattoota digrii jalqabaa, digirii 2ffaa fi Digrii 3ffaan waliigalaa barattoota 920 eebbisiseera.Pireezidaantiin Yuunivarsiitii Wallaggaa Dooktar Tasfaayee Lammaa gamasaaniin barattootaafi maatii barattootaaf ergaa baga gammaddanii dabarsaniiru.Sirna eebba barattoota kanneenii irratti barattoota, maatii barattootaa, seenetii Yuunivarsiitichaa dabalatee keessummoonni afeerraan taasifameef argamaniiru.Yohaannis Malkaamuutu gabaase.