Finfinnee,Waxabajjii 19, 2018 (FMC) – Balaaa kirkira lafaa magaalaa Guddittii Veenzuweelaatti muudateen lakkoofsi namoota du’anii 235 qaqqabuu ibsame.Namoonni kumni 4 fi 300 miidhaa qaamaaf saaxilamaniiru.Yeroo ammaa hojiin lubbuu baraaruu hojjetamaa jiraachuu CNN gabaaseera.Magaalaa Laa Goyiraatti manneen jireenyaa 250 barbadaa’uu eerame.Gamoowwan gurguddoon kirkira lafaa kanaan jijjiganiiru, buufanni xiyyaaraas hojiisaa dhaabeera.Pireezidantiin yeroo Veenzuweelaa Deliisii Roodiriigez labsii yeroo muddamaa labsuu BBC’n gabaaseera.Addunyaan deeggarsa akka gootuufis gaafataniiru.#Oromia #Ethiopia