Manni Maree Ministirootaa dhimmoota adda addaarratti mari’achuun murtoo dabarse

Wait 5 sec.

Finfinnee,Waxabajjii 19, 2018 (FMC) – Manni Maree Ministirootaa Walga’ii Idilee 75ffaa har’a gaggeesseen dhimmoota adda addaarratti mari’achuun murtoo dabarseera.1.Manni marichaa jalqabarratti waliigalteewwan deeggarsa maallaqaa Waldaa Misooma Idil Addunyaa waliin mallattaa’e 3 irratti mari’ateera.Waliigaltee Liqaa Doolaara miiliyoona 400 fi miiliyoona 37 fi kuma 400 Imammaata Misooma Guddina Hundagaleessaa fi waaraa raawwachiisuuf mallattaa’eerratti mari’ateera.Waliigaltee Liqaa Doolaara miiliyoona 100 fi miiliyoona 45 fi kuma 500 sagantaa qabiinsa lafaa raawwachiisuuf mallatta’e, akkasuma Liqaa Doolaara miiliyoona 54 fi kuma 600 Piroojketii oomistummaa waaraa misooma jallisii jijjiirama qabeenya qilleensaa dandamachuuf oolu raawwchuuf mallattaa’eerratti mari’ateera.Waliigalteen kunneen imaammata liqaa biyyattiin kan walsiman ta’uu isaaniin wixineewwan kunneen Mana Maree Bakka Bu’oota Ummaataaf akka darbu sagalee guutuun raggaasiseera.2. Itti aansuu manni marichaa wixinee labsii tajaajila kaffaltii Ministeera Bishaanii fi Inarjii, Tajaajila Kuusaa Barreeffamoota seenaa qabeeyyii fi Manneen Kitaabaa, Tajaajila Qormaatilee fi Madaallii Barnootaa murteessuuf baherratti mari’ateera.Manni marichaa wixineewwan kanneenirratti bal’inaan erga mari’atee booda galteewwan dabalamuu qaban dabalamuun guyyaa Gaazexaa Nagaarittirratti maxxanfamee eegalee hojiirra akka oolu sagalee guutuun murteessera.3. Akkasuma Manni Marichaa wixinee labsii mirkaneessa miseensummaa waliigaltee hundeeffama Baankii Misoomaa ‘Niwuu’ (New Development Bank) irratti mari’ateera.Itiyoophiyaan Baankii Misoomaa Niwuutti miseensummaan makamuun ishee faayinaansii misooma biyyaalessaa, deeggarsa bu’uuraalee misoomaa fi tasgabbii diinagdee goorootiif filannoowwan maddoota maallaqaa akka argattu kan dandeessisuu fi hariiroo sirna faayinaansii Kibba-Kibbaa waliin qabaattu kan jabeessu ta’uun isaa waan itti amanamameef, waliigaltee hundeeffama baankichaa mirkaneessuuf wixineen labsii qophaa’ee dhiyaateera.Manni Marichaas dhimma kana irratti bal’inaan erga mari’atee booda, galtee yaadaa itti dabaluun gara Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataatti akka darbu sagalee guutuun murteesseera.4. Ajandaan biraa Manni Marichaa irratti mari’ate wixinee imaammata Indaastrii ijaarsaati.Indaastriin ijaarsaa guddina biyya keenyaaf gahee murteessaa kan taphatu waan ta’eef, bara 2006 imaammatni Indaastrii ijaarsaa kanaan dura ba’ee hojiirra oolaa tureera.Kanaanis Indaastiricha keessatti jijjiiramni tokko tokko galmeeffamus, guddina teeknoolojii addunyaan bira geesse, babal’ina magaalotaa, fedhii bu’uuraalee misoomaa guddachaa dhufeen walqabatee qaawwi bal’aan kan ture waan ta’eef, oomishtummaa fi dorgomtummaa damichaa guddisuun, maqaalee seeraa hojiirra jiran walsimsiisuu fi walitti fiduun akkasumas dandeettii misooma damichaa guutummaatti fayyadamuun Itiyoophiyaa badhaate dhugoomsuu akka dandeessisu imaammatni kun qophaa’ee dhiyaateera.Manni Marichaas imaammata kana irratti bal’inaan erga mari’atee booda, galtee itti dabaluun mirkaneessee, har’a Waxabajjii 19 bara 2018 jalqabee hojiirra akka oolu sagalee guutuun murteesseera.5. Dhumarratti Manni Marichaa wixinee imaammata misooma magaalaa irratti mari’ateera.Imaammatni misooma magaalaa bara 1997 ba’ee kanaan dura waggoota digdamaniif hojiirra tureera. Magaalota keessatti rakkoolee bulchiinsa gaarii furuuf, magaalonni diinagdeen dorgomoo akka ta’an, kenniinsi tajaajilaa si’ataa akka ta’u, hariiroon baadiyyaa fi magaalaa akkasumas magaalaa fi magaalaa akka jabaatu, bu’uuraaleen misoomaa fi dhaabbileen oomishaa fi tajaajilaa adda addaa akka babal’atan tattaaffii taasifameen bu’aan galmeeffamus qaawwiis kan keessa ture waan ta’eef, qaawwa imaammata moofaa sirreessuuf, jijjiiramoota jajjabeessoo dhiyeenya kana naannoo magaalotaatti mul’achaa jiran mirkaneessuu fi caalaatti cimsuuf imaammatni misooma magaalaa bifa haaraan qophaa’ee dhiyaateera.Manni Marichaas imaammata kana irratti bal’inaan erga mari’ateen booda, galtee itti dabaluun mirkaneessee har’a Waxabajjii 19 bara 2018 jalqabee hojiirra akka oolu sagalee guutuun murteesseera.#Oromia #Ethiopia