Finfinnee,Waxabajjii 19, 2018 (FMC) –Waancaa Addunyaa 23ffaa taphoota ramaddii marsaa 3ffaan har’a morkiin Noorweey – Faransaay,akkasuma Seeneegaal – Iraaq waliin taasisan ni eegamu.Biyyoonni dursanii marsaa moo’anii darbuuf gahuu isaanii mirkaneeffatan lamaan Noorweeyii fi Faransaayi morkiin har’a halkan sa’aatii 4:00 eegalee taasisan ni eegama.Biyyoonni lamaan taphoota 15 kanaan dura waliin taphatan keessaa Faransaay yeroo 7 yoo injifattu, Noorweey si’a 4 injifachuun, taphoota 4 ammoo qabxii qooddataniiru.Sa’aatuma walfakkaatuutti Seeneegaal Iraaq waliin taphatti.Biyyoonni lamaan taphoota Waancaa Addunyaan yeroo jalqabaaf waliin taphatu.Akkasuma halkan Iyya handaaqqoo sa’aatii 9:00 eegalee Keeppi Vardeen – Saa’uud Arabiyaa, Uraagaay – Ispeen waliin taphatu.Boru ganama sa’aatii 12:00 Ijipti –Iraan, Niwuu Ziilaandi – Beeljiyeem waliin morkatu.#Oromia #Ethiopia