Finfinnee,Waxabajjii 16, 2018 (FMC) – Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad Yaa’ii Biyyaalessaa Itiyoophiyaan ni raawwatti jedhamu kan mata duree ‘jijjiiramarraa gara ce’umsa waaraatti’ jedhuun qopheerratti argamaniiru.Yaa’ii Biyyaalessaa ‘Itiyoophiyaan ni raawwatti’ jedhurratti argamuu kootti kabajatu natti dhagahama jedhan Dooktar Abiy Ahimad ergaa fuula miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsaniin.Kunis daandii sadarkaan irra imallee fi amma irra geenye akkan of duuba deebi’ee ilaalu na taasiseera jedhan.Itiyoophiyaan humna ofiin Hidha Guddicha Haaromsa ijaaruun Piroojektoota misoomaa jajjaboo raawwachuun yeroo yeroon gara sadarkaa fooyya’aatti ce’aa jiraachuu kaasan.Injifannoowwan kunneen carraan kan argaman osoo hin taane hafuura ida’amuurratti hundaa’uun waloon dhaabbachuun jijjiirama waaraa agamaniidha.Bu’aalee cichoominaa fi murtoowwan kutannoo cimaan argamaniidha.Jijjiiramoonni eegalaman galma dhumaa miti, dhaloota nu booda dhufaniif bu’uura cimaa kaa’uudha.Biyya ijaaruun dhaloota tokko qofaan kan xumuramu osoo hin taane hojiilee waloo fi itti fufiinsa qabaatudha.Tokkoon tokkoo lammiilee Itiyoophiyaa Cichoominaan gara fuulduraatti akka imalan, kan dhaale caalmaatti guddisee olkaa’iinsa caaluuf akka hojjetu waamicha koon dhiyeessa jedhan.#Oromia #Ethiopia