Finfinnee, Waxabajjii 16, 2018 (FMC)- Itiyoophiyaan yaa’ii COP 32’n hojii dippiloomaasii haala qilleensaa itti fufiinsa qabu mirkanneessuuf ni hojjetti jedhan Ministirri Ministeera Dhimma Alaa Dooktar Geediyoon Xiimootiwoos.Dhaabbanni idil-addunyaa Chaataam Haawus jedhamu magaalaa Landanitti kan qopheessee waltajjiin marii torbee qabeenya qilleensaa mata duree “haala qubsama siyaasaa qoqqoodame keessatti barbaachisummaa Yaa’ii COP guddisuu’ jedhuun gaggeeffameera.Dooktar Geediyoon wayita kana haasawa taasisaniin, Yaa’iin Itiyophiyaan gaggeessitu bu’aa yaa’ii COP 31 Turkiiyyee fi Awuustiraaliyaan qopheessan ka’umsa godhachuun itti fufiinsa isaa mirkaneessuuni jedhan.Qophiin kun adeemsa dippilomaasii idil-addunyaa cimsuuf, hoggantoota kanaan dura turan waliin qindoominaan hojjechuun, ilaalcha “Ida’amuu” kan calaqqisu ta’uu isaa eeraniiru.Dooktar Geediyoon Xiimootiiwoos, adeemsi kun nageenya qilleensaa fi hojii idil-addunyaarratti abdii haaraa uumuuf gahee guddaa akka qabu ibsaniiru.#Oromia #Ethiopia