Finfinnee, Waxabajjii 21, 2018 (FMC) – Baha Faransaay magaalaa Toombilaayinitti xiyyaarri kufee caccabuun balalisaa xiyyaarichaa dabalatee lubbuun namoota 11 darbe.Xiyyaarri siivilii mana barumsaa leenjii Paaraashuutii tokkoof tajaajila kennaa ture jedhame kun buufata xiyyaaraa ‘Naansii Issey’ irraa ka’ee utuu baay’ee hinturin kufee caccabuu isaatu himame.Balaa uumame kanaan balaliisaa dabalatee namoonni achi keessa turan 11 lubbuun darbuu BBC’n gabaaseera.namoota du’an keessaa shan barattoota mana barumsichaa yoo ta’an, shan ammoo barsiisota dha jedhame.Ministeerri Geejjibaa Faransaay balaa suukanneessaa kanaan gadduu ibsee, sababa balaa kanaa qulqulleessuuf hojjetamaa akka jiru beeksiseera.#oromia #Ethiopia