Kaayyoon Eritiraa yeroo mara Itiyoophiyaa dadhabsiisuu waliin kan walqabatuudha – Obbo Geetaachoo Raddaa

Wait 5 sec.

Finfinnee, Waxabajjii 18, 2018 (FMC)- Tarsimoon Eritiraan akka biyyaatti itti fufuuf qabdu yeroo mara dhimmoota nageenyaa fi hojiilee Itiyoophiyaa dadhabsiisuu waliin kan walqabateedha jedhan Gorsaan Dhimmoota Bahaa Afrikaa Ministira Muummee Obbo Geetaachoo Raddaan.Kolleejjiin Biyyaalessaa Raayyaa Ittisa Biyyaa Konfiransii waggaa nageenya biyyaalessaa gaggeesseera.Obbo Geetaachoon wayita kana,faayidaa biyyaalessaa Itiyoophiyaa kabachiisuu fi nageenya naannawichaa itti fufiinsa qabu mirkaneessuuf, dogoggora seenaa of-eeggannoon qorachuu fi sodaa nageenyaa yeroo ammaa ilaalcha tarsiimawaan ilaaluun barbaachisaadha.Haala yeroo amma jiruun Eritiraan akka biyyaatti itti fufuuf tooftaan tarsimoo ishee dhimma jiraachuu fi nageenya Itiyoophiyaa waliin kan qabate ta’uu eeraniiru.Nageenya biyyaalessaa biyyattii haala amansiisaa ta’een eeguuf, adeemsa seenaa sirritti hubachuu fi hariiroo gara fuulduraa of-eeggannoo fi karoora tarsiimawaan gaggeessuun barbaachisaa ta’uu ibsaniiru.Soosinnaa Alamaayyootiin.