Itiyoophiyaan barii jijjiiramaa riifoormii teknooloojii fi diinagdee milkaa’aa taasifte – Billenee Siyyum

Wait 5 sec.

Finfinnee, Waxabajjii 18, 2018 (FMC)- Itiyoophiyaan barii jijjiiramaa riifoormii teknooloojii fi diinagdee milkaa’aa taasifteerti jedhan Itti Gaafatamtuun Pirees Sekireetaariyaatii Waajjira Ministira Muummee Billenee Siyyum.Fooramiin daldalaafi invastimantii Itiyoophiyaafi Ingiliz 6ffaan magaalaa Landanitti kan gaggeeffame yoo ta’u, foramichaan cinatti mariin paanaalii odeeffannoo kominikeeshinii fi Dijitaalaayizeeshinirratti xiyyeeffate gaggeeffameera.Billenee Siyyum wayita kana haasawa taasisaniin, Adeemsi Diijitaalayizeeshinii Ministira Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimadiin hogganamu, tarsimoo olaanaan gara boqonnaa haaraatti ceesisaa jira jedhan.Dameen diijitaalayizeeshinii Itiyoophiyaan guddina, diinagdee mandhalee akkasumas, qonna, Indaastirii, albuudaa fi turiizimii saffisisuu keessatti gahee olaanaa bahataa jiraachuu kaasaniiru.Utubaaleen diinagdee Itiyoophiyaa shanan bu’uuraalee misooma dijiitaalaan deeggaramuun saffisaan guddachaa jiraachuu fi dameen dijiitaalaa sirna diinagdee keessatti jijjiirama qabatamaa argamsiisaa jiraachuu ibsuu isaanii ENA’n gabaaseera.Itiyoophiyaan biyyoota damee teeknooloojiin badhaadhaan irra muxannoo fudhachuun haala qabatamaa waliin walsimsisuun adeemsa ce’umsaa keessa darbaa jiraachuu hubachiisaniiru.#Oromia #Ethiopia