Finfinnee,Waxabajjii 22, 2018 (FMC) – Baajataa qusannaa bu’uura godhachuun fayyadamuun barbaachisaadha jedhan Ministirri Ministeera Maallaqaa obbo Ahimad Shiideen.Koreen Dhaabbii Dhimmoota Karooraa, Baajataa fi Faayinaansii Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa wixinee baajata Mootummaa Federaalaa bara bajataa 2019 irratti qooda fudhattoota waliin mari’ateera.Baajataa qusannoorratti hundaa’uun fayyadamuun barbaachisaa ta’uu hubachiinsan obbo Ahimad Shiideen mari’acharratti argamuun ergaa dabarsaniin.Piroojektoota daandii kana dura eegalaman xumursiisuuf qofa Birriin Tiriiliyoonni 2 ol kan barbaachisu ta’uu himan.Kanneen dursi kennamuufii qabu adda baasuun xumuruuf kan hojjetamu ta’uu himan.#Oromia #Ethiopia