Seeneetiin Ameerikaa murtee humna waraanaa biyyattii Iraan keessa baasuuf dandeessisu dabarse

Wait 5 sec.

Finfinnee,Waxabajjii 17, 2018 (FMC) –Seeneetiin Ameerikaa Pireezidaantiin Ameerikaa Doonaald Tiraampi Humna Waraanaa Iraan keessa akka baasan seera ajaju sagalee olaanaan raggaasiseera.Murtoon kunis wayita Iraanii fi Ameerikaan waaraan waraanaa dhaabuuf Siwiizarlaanditti mari’achaa jiranii fi dhimmoota Teeknikaarratti waliigalteerra gahanitti kan darbeedha.Miseensota seeneetii 50 keessaa 48 murticha kan deeggaran yoo ta’u, Paartii Rippaablikaanii keessa namoonni 4 Pireezidaanti Tiraampi humna waraanaa Iraan keessaa akka baasan murtoo ajaju kana deeggaraniiru.Pireezidaanti Tiraampi Seeneetaroonni Ameerikaa tattaaffiin Giddugaleessa Bahaatti nageenya buusuuf taasisu najalaa cimsaniiru jechuun ibsan.Murtichi kan barfatee fi hiikoo kan hin qabne jechuu isaanii RT’n gabaaseera.Seeneetiin Ameerikaa teessoon harki caalan Rippaabilikaanontaan qabame tarkaanfiwwan aangoo waraana labsuu Tiraamp daangessu ragaasiseera.Tarkaanfiin seeraa kun Tiraamp waraana Iraanirratti labse akka dhaabu ykn ammoo waraana osoo itti hin fufin dura kongireesii akka eeyyamsiisu kan gaafatuudha.Rippaabilikaanonni heddu warra Dimokiraatotaa waliin ta’uun aangoo waraana labsuu Tiraamp irratti sagalee kennaniin caalmadhaan seerichi akka darbu godhuu BBC’n gabaaseera.Manni Maree Bakka Bu’oota Uummataa Ameerikaas jalqaba baatii kanaa Tiraamp osoo hin eeyyamsiisin waraana labsuun sirrii akka hin taane tarkaanfii seeraa wal-fakkaataa dabarsee ture.#Oromia #Ethiopia