Kantiibaa Adaanech Abeebeen Tajaajila Giddugala Tokkoo haaraa lama hojii eegalchiisan

Wait 5 sec.

Finfinnee, Waxabajjii 17, 2018 (FMC)- Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebeen Magaalaa Finfinneef 10 fi 11ffaa kan ta’e tajaajila giddugala tokkoo haaraa lama eebbisuun hojii eegalchiisaniiru.Aadde Adaanech wayita kanatti akkaataa waadaa galleen bara 2018 tajaajila giddugala tokkoo masoob 11 banuu dandeenya jedhan.Giddugalonni kunneen Kutaa Magaalaa Aqaaqii fi Lammii Kuraatti ijaaramuun banamaniiru.Giddugala tajaajila tokkoon kenniisa tajaajilaa ammayyeessuu kan itti danda’ame ta’uu dubbataniiru.Henook Lammeetu gabaase.#Oromia #Ethiopia