Itiyoophiyaa badhaate dhaloota dhufutti dabarsuuf kutannoon hojjetamaa jira- Ambaasaaddar Reedwaan Huseen

Wait 5 sec.

Finfinnee, Waxabajjii 21, 2018 (FMC)- Itiyoophiyaa badhaate dhaloota dhufutti dabarsuuf kutannoon hojjetamaa jira jedhan Daayrektarri Olaanaan Tajaajila Odeeffannoo Biyyaalessaa Ambaasaaddar Reedwaan Huseen.Waltajjiin mariifi galtee walitti qabuu Sagantaa Eerpoortiifi Ce’umsa Bulchiinsa Daangaa gaggeeffamaa jira.Daayrektarri Olaanaan Tajaajilichaafi Walitti qabaan Koree Olaanaa Sagantichaa Ambaasaaddar Reedwaan Huseen wayita kana, sagantichi yaaddoowwan nageenyaa akka biyyaatti mudatan odeeffannoon deeggaruun dursanii beekuufi ittisuuf qooda olaanaa qabaachuu ibsan.Itiyoophiyaa sadarkaa idil-addunyaatti dorgomaa taasisuufi yaa’iiwwan idil-addunyaa gara fuulduraatti keessummeessitu milkaa’inaan hogganuuf akka gargaarus eeraniiru.Saganticha milkaa’inaan hojiirra oolchuuf koree olaanaan qindeessitoota biyyaalessaafi koreewwan teekinikaa dhaabbilee 10 irraa walitti babba’an hammate hundaa’ee gara hojiitti galuu kaasaniiru.Milkaa’ina isaafis sanadani tarsiimawaan muuxannoo biyyoota garaagaraarraa qindaa’e qophaa’uun hojiirra ooluu dubbataniiru.Walitti bu’iinsotaafi yakkoota daangaa ce’oo dursanii ittisuuf sagantichi faayidaa olaanaa qabaachuufi hojiin nageenyaa dandeettii Itiyoophiyaan sadarkaa ardiittiifi naannawaatti qabdu giddugaleeffate hojjetamaa akka jiru ibsaniiru.Hojimaanni isaas teeknooloojiiwwan mandhaleen bal’inaan akka misooman gochuun birmadummaa saayibarii biyyattiifi faayidaalee biyyaalessaa karaa guutuu ta’een kan mirkaneessu ta’uu eeraniiru.Waltajjicharratti hoggantoonni dhaabbilee federaalaa, Pireezidaantonni naannolee, kantiibonni magaalotaafi qaamoleen qooda fudhattootaa biroon argamaniiru.Ashannaafii Shibbiruutu gabaase.#Oromia #Ethiopia