Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad piroojektii misooma qarqara lagaa Inxooxxoo-Qabbanaa har’a eebbisan

Wait 5 sec.

Finfinnee, Waxabajjii 21, 2018 (FMC) – Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad piroojektii misooma qarqara lagaa Inxooxxoo-Qabbanaa har’a ifatti eebbisaniiru.Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad ergaa fuula miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsaniin, misoomni bu’uraa bal’aan kun dallaa ittisa lagaa, riqaalee ammayyaa fi bakka daldalaa bal’aa of keessatti kan qabateedha jedhan.Piroojektiin har’a eebbifame kun lafa herteeraa 87.6 kan uwwisu yoo ta’u, dheerina kiloomeetira 10.5 akka qabu eeraniiru.Piroojektiin kun milkaa’ina ijaarsaa qofa osoo hin taane, magaalattiin jijjiirama qilleensaa dandamachuu kan dandeessu fi jiraattota isheetiif mijattuu, giddugala daldalaa fi tuuriizimii idil-addunyaa gochuuf ce’umsa tarsimawaa jalqabame kan ariifachiisuudha jedhaniiru.Imaanaa uummataa nutti kenname amanamummaadhaan, cichoomina fi qajeelummaadhaan raawwachuun, qulqullina jireenya lammiilee keenyaa fooyyessuuf fi jijjiirama bu’uraa fiduuf karaan jalqabne cimsinee itti fufna” jedhaniiru Ministirri Muummee.