Finfinnee, Waxabajjii 21, 2018 (FMC) – Finfinnee Waan gahaatti ilaaluu dadhabneef, miidhagina ishee arguun nuuf malu osoo hin argin barootaaf hafneerra jedhan Ministirri Muummeen Dooktar Abiy Ahimad .Dooktar Abiy pirojekti misooma lagaa Inxooxxoo-Qabbanaa har’a eebbisanii tajaajilaaf bananiiru.Dooktar Abiy ergaa wayita kana dabarsaniin: Finfinneen kanarra dandeettii kuufamaa dachaa qabdi; dhimmoonni baay’een hojjetamuu fi ilaalamuu qaban jiru jedhan.Waan gahaatti ilaaluu dadhabneef, miidhagina magaalattii irraa arguun nuuf malu osoo hin argin barootaaf jiraachuus ibsan.Qabbanaan bifa fi bareedina amma qabu kana argachuu danda’a jedhanii dursanii yaaduun barbaachisa kan jedhan Dooktar Abiy, yoo arguun danda’amu hojiin ni hordofa jedhaniiru.Ida’amuun adeemsa ta’uu isaa ibsuun; maallaqa, beekumsa, humna, yaada fi dandeettiin geggeessummaa yoo walitti ida’ame bu’aan dhufu kan bareedu ta’uu hunachiisaniiru.Ammas yeroo walitti ida’amnu, walitti hidhamnu fi wal gargaarru, waan kanarra caalu hojjechuu ni dandeenya jedhan.Qabbanaa fi naannoon isaa sababa pirojekti kanaan amma kan duraarra fooyya’uu isaa agarsiisuun; ijoolleen keenya kanarra caalchisanii ni hojjetu jedhanii amantaa guutuu akka qaban hubachiisaniiru. Wandimmaagganyi Tsaggaayeetiin.#Oromia #Ethiopia