Daandiin Qilleensaa Itiyoophiyaa Xiyyaara ‘DHC-6 Twin Otter Classic 300-G’ jedhamu kan jalqabaa fudhate

Wait 5 sec.

Finfinnee, Waxabajjii 15, 2018 (FMC) – Daandiin Qilleensaa Itiyoophiyaa xiyyaarota ‘DHC-6 Twin Otter Classic 300-G’ lama kan dhaabbata oomisha xiyyaaraa Kaanaadaa, ‘De Havilland Canada’ irraa fudhachuuf karoorfate keessaa isa jalqabaa har’a harkaa fudhateera.Xiyyaarotni haaraa fi addaa ta’an kunneen tajaajila balalii keessoo fi naannawaa daandii qilleensichaa caalaatti jabeessuuf gahee olaanaa akka qaban eerameera.Dabalataan, sochiilee damee turizimii, hojiiwwan hordoffii fi qorannoo qilleensarraa, tajaajila ambulaansii qilleensaa fi dhimmoota kanneen fakkaataniif faayidaa guddaa akka qaban daandiin qilleensichaa beeksiiseera.Fedhiiwwan gabaa daandii qilleensichaa, dandeettii fi amanamummaan guutuu fi dhaqqabamummaa isaa babal’isuuf dandeettii qabu caalaatti akka guddisanis ibsameera.#Oromia #Ethiopia