Barataa koorsiwwan 48 A+ fiduun Yuunivarsitii Dambii Doolloorraa eebbifame

Wait 5 sec.

Finfinnee,Waxabajjii 20, 2018 (FMC) – Barataa Bariisaa Shuleen Koorsiwwan 48 A+ fiduun Yuunivarsitii Dambii Doolloorraa Meedaaliyaa Warqee fi Waancaan eebbifame.Bariisaa Shuleen damee barnootaa Elektirikaaliifi Kompiyuuter Injiineriingiitiin Koorsiwwan 62 keessaa 48 A+, 12 A fi 3 immoo A- fiduun qabxii waligalaa 3.98 ‘n eebbifame.Qormaata gahumsa Ogummaa (Exit Exam) ammoo dhibbarraa 92 galmeessuun eebbifamu OBN gabaasera.#Oromia #Ethiopia