Finfinnee,Waxabajjii 20, 2018 (FMC) –Shaampiyoonaan mata duree”Ispoortiin ol ka’iinsa biyyaaf” jedhuun torban lamaaf geggeeffamaa xumurameera.Maggalootni 34 dorgomicha irratti kan hirmaatan yoo ta’u, diiziyoona 1ffaan magaalaan Asandaaboo, akkasums diviziyoona 2ffaan magaalaan Algaa Shaampiyoona ta’aniiru.Itti Gaafatamaan Waajjira Dargaggoofi Ispoortii godina Jimmaa obbo Nagumaa Makonnin, gareewwan tokkooffaa hanga 3ffaa bahan godina Jimmaa bakka bu’uun dorgommii sadarkaa naannoo irratti ni hirmaatu jedhan.Kana malees, dargaggootnii godinichaa dorgommii kana booda hojii tola ooltumaa gannaa keessatti dammqinaan akka hirmaatan himan.Gareewwan shaampiyoonaa ta’aaniifi ispoorteessitoota ciccimoof badhaasni waancaaf waraqaa ragaa kan kennameera.Abdurrahmaan Mahammad#Oromia #Ethiopia