Finfinnee,Waxabajjii 20, 2018 (FMC) –Barataa Tolchaa Kabbadaa qabxii waliigalaa 4:00 fiduun Yuunivarsiitii Madda Walaabuurraa meedayilaa Warqee fi Waancaa badhaafamuu eebbifame.Yuunivarsiitiin Madda Walaabuu har’a Barattoota Ogummaa garagaraan barsiisaa ture kuma 1 fi 89 digrii jalqabaa fi 2ffaan eebbisiiseera.Barataa Tolchaa Kabbadaan ogummaa Narsiingiin qabxii guutuu 4.00 fiduun badhaasa Waancaa fi Meedaaliyaa Warqeen eebbifameera.Barataa Tolchaan koorsiiwwan 39 keessaa 25 ‘A+ fi warra hafan immoo ‘A’ fiduun qabxii waliigalaa (CGPA) 4.00 galmeessisuun eebbifame.Olyaad Ahimadiin#Oromia #Ethiopia