Tumsa Itiyoophiyaafi Soomaaliyaa misooma naannawaa giddugaleeffate…

Wait 5 sec.

Finfinnee, Waxabajjii 22, 2018(FMC)- Tumsi Itiyoophiyaafi Soomaaliyaa cimaa dhufe nageenyaafi tasgabbii naannawichaa keessatti qooda isaa bahachaa jira.Biyyoonni lameen daangaarra darbee afaan, aadaafi amantaa kan qooddatan yoo ta’u hariiroo uummattootaafi hawaasummaa cimaas qabu.Itiyoophiyaafi Gamtaa Afrikaa dabalatee hawaasni idil-addunyaa tumsaan Alshabaab fi humnoota shororkeessaa biyyattii keessa socho’an irratti duuluun naannawicha yaaddoo nageenyaa keessaa baasuuf tattaaffiin taasisan milkaa’ina galmeessiseera.Biyyoonni lameen tasgabbii, walitti hidhamiinsaafi guddina naannawichaa dhugoomsuuf hariiroo isaanii haaromsuun tumsaan hojjechaa jiru.Kanaaf ammoo agarsiistuun mariiwwan sadarkaa hoggansa olaanaatti irra deddeebiin gaggeeffamani.Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad fi Pireezidaantiin biyyattii Hasan Sheek Mahaammad dhimmoota gamlameefi naannawaa irratti irra deddeebiin marii bu’aa qabeessa gaggeessaniiru.Hoggantoonni lameen Onkoloolessa 2, 2018 dhimmoota gamlameefi naannawaarratti tumsa isaanii cimsuuf mari’ataniiru.Akkasumas Yaa’ii hoggantootaa Gamtaa Afrikaa 38ffaa cinaatti marii taasisaniin irra deebiin dhimmoota naannawaa ijoo ta’an irratti mari’atanii turan.Wayita sana Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad hariiroon biyyoota lameenii haaromfame hojii walitti fufiinsa qabu akka barbaadu hubachiisaniiru.Walumaagala hammattoon tumsaa Itiyoophiyaafi Soomaaliyaa carraa egeree waloo uummattootaafi misooma naannawaa giddugala godhachuun imala eegaleera.Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad Pireezidaantii Soomaaliyaa Hasan Sheek Mahaammad waliin dhimmoota gamlameefi naannawaarratti mari’achuu ilaalchisee ergaa guyyaa har’aa dabarsaniin, walitti hidhamiinsa diinagdee, nageenya akkasumas tasgabbii naannawaarratti mari’anneerra jedhaniiru.Biyyoonni lameen daangaarra darbee Ummataa fi carraa eegeeree waloo kan qooddatan ta’uus eeraniiru.Miikiyaas Ayyalaan.#Oromia #Ethiopia