Daandiin Qilleensaa Itiyoophiyaa balallii gara Maqaleetti taasisu eegale

Wait 5 sec.

Finfinnee, Onkololeessa 1, 2019 (FMC)- Daandiin Qilleensaa Itiyoophiyaa balallii gara Maqaleetti taasisu guyyaa har’aa eegaleera.Xiyyaarri daandii qilleensichaa har’a ganama magaalaa Maqalee qubateera.Balalliin kun eegaluu hordofee jiraattonni magaalichaa buufata xiyyaaraa idil-addunyaa Aluulaa Abbaa Naggaatti argamuun gammachuu isaanii ibsachaa jiru.Daandiin Qilleensichaa Onkoloolessa 1, 2019 irraa eegalee balallii gara Maqaleetti taasisu akka eegalu beeksisuun ni yaadatama.#MootummaaIda’amuu