Finfinnee, Onkoloolessa 2, 2019 (FMC) — Tapha marsaa jalqabaa dorgommii calallii CECAFA’n Gareen Biyyaalessaa Itiyoophiyaa umurii waggaa 17 gadi gita isaa Buruundii galchii 3-0’n injifateera.Tapha kana irratti galchiiwwan injifannoo Itiyoophiyaaf Zamikaa’el Miniyaahil, Akram Abdulsalaam fi Abdiisaa Guutamaa lakkoofsisaniiru.Gareen Biyyaalessaa Itiyoophiyaa umurii waggaa 17 gadii guyyaa lama booda Ugaandaa waliin taphata.