Caaseffamni KaabineeHaaraan Bulchiinsa Gaarii kan Mirkaneessuu fi Guddina Hunda Galeessaa kan Dhugoomsuu dha— Hayyoota

Wait 5 sec.

Finfinnee, Onkoloolessa 2, 2019 (FMC) — Caaseffamni Kaabinee haaraa fi muudamni ministirootaa bulchiinsa gaarii diriirsuu fi guddina hunda galeessaa mirkaneessuuf kan dandeessisuu dha jedhan hayyoonni saayinsii siyaasaa.Manni Maree Bakka Bu’oota Ummataa 7ffaan caasaa ministeerotaa Mootummaa Ida’amuu haaraa fi muudama ministirootaa Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad dhiyeessan raggaasisuun isaa ni yaadatama.Haaluma kanaan, obbo Tamsgeen Xurunaa irra deebi’anii Ministira Muummee Itti Aanaa ta’uun kan muudaman yoo ta’u, muudamni ministiroota 22s raggaasifameera.Hayyoonni yaada isaanii Faanaa Dijiitaaliif kennan, caaseffamni fi muudamni ministirootaa haaraan bulchiinsa gaarii diriirsuu fi guddina hunda galeessaa mirkaneessuuf kan gargaaru ta’uu ibsaniiru.Qorataan Dhimmoota Dippiloomaasii Qaamolee Hedduu Inistiitiyuutii Dhimma Alaa obbo Addis Alammaahu akka ibsanitti, caasaa fi muudamni ministeerotaa haaraan qaamolee hawaasaa hunda kan hammateedha.Keessumaa muudamni kun amanamummaa siyaasaa irratti osoo hin taane, qophii barnootaa, muuxannoo hojii fi gahumsa naamusaa irratti kan hundaa’e ta’uu kaasaniiru.Kunis dhaabbileen mootummaa bu’a qabeeyyii fi dorgomtoota akka ta’an, akkasumas iftoominni fi itti gaafatamummaan akka diriiran kan gargaaru ta’uu ibsaniiru.Qorataan Dhimma Nageenyaa fi Tasgabbii Yuunivarsiitii Finfinnee Dooktar Mulugeetaa Ayyalaa gama isaaniin, namoonni Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad muudamaaf dhiyeessan dandeettii raawwii fi muuxannoo hojii isaanii irratti hundaa’uun filatamuun isaanii tarkaanfii dinqisiifamuu qabu ta’uu ibsaniiru.Muudamni kunis garaagarummaa sabaa, saalaa fi amantii kan eege ta’uu ibsaniiru.Ministiroonni kunniin madaallii fi hordoffii garaagaraa keessa darbanii muudamuu isaanii eeruun, kunis hoggantoota naamusaan ijaaraman fi hafuura tajaajila ummataa qaban gara caasaa mootummaatti fiduun hojiimaata badaa ittisuuf akka gargaaru ibsaniiru.Kanaan dura hoggantoota itti gaafatamummaa sirnaan hin baane aangoo irraa kaasuu dabalatee, itti gaafatamummaa mirkaneessuuf tarkaanfiiwwan fudhataman kaasuun, gara fuulduraattis hordoffiin kun cimee itti fufuu akka qabu hubachiisaniiru.Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad miseensota kaabinee Mootummaa Ida’amuu haaraa Manni Maree Bakka Bu’oota Ummataa keessatti muudamaaf yeroo dhiyeessan, qaamoleen itti gaafatamummaa fudhatan raawwii hojii isaaniitiin madaalamanii itti fufuu yookaan namoota birootiin bakka buufamuu akka danda’an dubbachuun isaanii ni yaadatama.Dooktar Abiy yerooma kana ibsa kennan, “Aangoon koofiyyaa dha malee mataa miti; yoo barbaachisaa ta’e kabajaan kaa’ama, yoo barbaachisaa hin taane immoo ni kaafama” jechuun dubbachuun isaanii ni yaadatama.#Itiyoophiaa #BiyyaGuddoo #UummataGuddaa #Mul’ataGuddaaMikiyaas Ayyaaleetiin