Dirree saayibarii nageenyummaan isaa eegame ijaaruun itti gaafatamummaa hundaati- Obbo Tamasgeen Xurunaa

Wait 5 sec.

Finfinnee, Onkoloolessa 2, 2019 (FMC) – Dirree saayibarii nageenyummaan isaa eegame ijaaruun itti gaafatamummaa lammii hundaati jedhan Ministirri Muummee Ittaanaan obbo Tamasgeen Xurunaan. Sirni baniinsa baatii nageenya saayibarii mata duree “ Lammii dammaqe biyya nageenyi ishee eegameef” jedhuun gaggeeffameera. Obbo Tamasgeen Xurunaa wayita kana Itiyoophiyaan dorgommii teeknooloojii yeroo ammaa jiruun boodatti akka hin hafneef damichaaf xiyyeeffannoo kennuun hojjechaa jiraachuu ibsaniiru. Dirreen diijitaalaa jabina diinagdee biyyootaafi madda ijoo oomishtummaa, jiruufi jireenya guyya guyyaa lammiilee kan salphisu, si’oomina tajaajilaa kan mirkaneessuufi birmadummaafi nageenya biyyaalessaa kan ittiin eegan ta’uu eeraniiru. Tarsiimoon Diijitaal Itiyoophiyaa 2025 biyya keenya gara diinagdee diijitaalaatti ceesisuuf riqicha cimaa ta’ee tajaajileera jedhaniiru. Yeroo ammaa dirreen saayibarii humna lafarraa, galaanarraa, qilleensarraafi hawaatti aanee dirree waraanaa idil-addunyaa 5ffaa ta’uu ibsaniiru. Haalli qabatamaan Itiyoophiyaafi dorgomtummaan Ji’oopolatiksii saaxilamummaa haleellaa saayibariif qabnu kan guddisudha jedhanii, diinonni Itiyoophiyaa yakkootaafi yaalii haleellaa saayibarii gaggeessaa akka turanis eeraniiru. Maddeen anniisaa, giddugaloota telekoomii, sirnoota geejjibaafi aviyeeshinii akkasumas dhaabbilee faayinaansii irratti haleellaan saayibarii raawwatamuu akka danda’u kaasaniiru. Kanaaf nageenyi saayibarii itti gaafatamummaa dhaabbata tokkoo qofa osoo hin taane kan lammiilee hundaa ta’uu hubachuun hundi nageenya saayibarii mirkaneessuuf qooda isaa bahachuu akka qabu dhaamaniiru. Layikun Alamtu gabaase. #Itiyoophiyaa #BiyyaGuddoo #UummataGuddaa #MullataGuddaa