Finfinnee, Onkoloolessa 2, 2019 (FMC) — Kabajni alaabaa keenyaa qabsoo gootummaa keenyaa hin gogneen akkuma ol jedhetti itti fufa jedhan Itti gaafatamaan Qajeelcha Olaanaa Qabeenya Humna Namaa Raayyaa Ittisaa, Leetinaal Jeneraal Hacaaluu Shallamaa.Guyyaan alaabaa biyaalessaa 19ffaan bakka qondaaltonnii fi miseensonni Raayyaa Ittisa biyyaa argamanitti Qajeelcha Waliigalaa Raayyaa Ittisaatti kabajameera.Leetinaal Jeneraal Hacaaluu Shallamaa wayita kana ergaa dabarsaniin, Alaabaan mallattoo eenyummaa Itiyoophiyaanotaa yeroon irra hin dabarree fi aarsaa guddaan argamee dha jedhan.Loltuun biyya isaa eeguuf waadaa kan seenu fi dirqama itti kenname raawwatee injifannoo isaa kan labsu alaabaa fuulduratti waan ta’eef, alaabaan Raayyaaf hiika addaa akka qabu cimsanii hubachiisaniiru.Nageenya Itiyoophiyaa fi naannawichaa mirkaneessuuf humna raayyichaa tekinooloojii loltummaan ijaaruun cimee akka itti fufus mirkaneessaniiru. Raayyaan Ittisa Biyyaa diinonta seenaa Birmaddummaa Itiyoophiyaa fi kabaja Alaabaatti bu’uuf yaalan akkuma kaleessaa sana xoofoo mo’amuu unachiisaa akka jirus dubbataniiru.#Itiyoophiyaa #BiyyaGuddoo #UummataGuddaa #MullataGuddaa