Finfinnee, Onkoloolessa 2, 2019 (FMC) — Dhaabbileen tajaajilaa hojii isaanii itti fufuu fi sochiin daldalaa eegalamuun abdii akka isaanitti uume jiraattonni magaalaa Maq’aleetti ibsan.Naannoo Tigraay, magaalaa Maqaleetti dhaabbileen tajaajilaa garaagaraa irra deebi’anii banamuu fi sochiin daldalaa fooyya’aa dhufuun ummata Tigraayiif ifa abdii ta’aa jiraachuu jiraattonni magaalattii dubbataniiru.Jiraataan magaalattii obbo Iyyoob Abrahaa, sochiileen adda addaa kanaan dura addaan cituu kaasanii, yeroo ammaa Daandiin Qilleensa Itiyoophiyaa, baankonnii fi dhaabbileen tajaajila kennan biroon hojii jalqabuu ibsaniiru.Jiraataan magaalattii kan biraan obbo Kaahsaay Takkaa gama isaaniin, sodaan ummata keessa ture suuta suutaan hir’achaa jiraachuu dubbataniiru.Sheek Olaa Mallas gama isaaniin, kanaan dura manneen daldalaa cufamuu isaaniitiin meeshaalee bu’uuraa jireenyaaf barbaachisan argachuun rakkisaa akka ture ibsanii, yeroo ammaa manneen daldalaa hojii isaaniitti deebi’aa jiraachuu kaasaniiru.Obbo Daani’eel Maallas ammoo, sababa qabsoo namoota irratti gaggeeffamaa tureen waraana hin barbaanne keessatti dirqamaan hirmaachaa waan turaniif dargaggoonni manaa bahuu illee sodaatanii turan jedhan. Yeroo ammaa garuu magaalattiin gara sochii nagaatti deebi’aa jiraachuu ibsaniiru.Nagaan jireenya guyyaa guyyaa ummataa, sochii daldalaa fi misooma waliigalaatiif bu’uura murteessaa ta’uu kan eeran jiraattonni magaalattii, nagaa argame kana Mootummaa Federaalaa waliin ta’uun cimsanii itti fufsiisuuf akka hojjetan dubbataniiru.Immabeet Sisaayiin #Itiyoophiaa #BiyyaGuddoo #UummataGuddaa #Mul’ataGuddaa