Nageenya ummataa waaressuuf humna qabnu hundaan ni hojjenna – Muusaa Adam

Wait 5 sec.

Finfinnee, Fulbaana 28, 2019 (FMC) – Nageenya ummataa waaressuuf humna qabnu hundaan ni hojjenna jedhan Ministira Ministeera Nageenyaa ta’uun kan muudaman obbo Muusaa Adam.Nageenya ummataa fi biyyaa waaressuun hojii ijoo Ministeerichaa ta’uu kan himan obbo Muusaan, murannoon tajaajiluun nageenyi ummatni barbaadu akka milkaa’uuf tattaaffii olaanaa kan taasisan ta’uu dubbatan.Tokkummaa biyyaalessaa mirkaneessuuf hirmaannaan qaama hundaa murteessaa ta’uu kaasan.Manni Maree Bakka Bu’oota Ummataa Walga’ii Idilee 1ffaa bara hojii 7ffaa har’a gaggeesseen muudama kaabinee mootummaa Ida’amuu dhiyaatan raggaasisuun kan yaadatamuudha.Tigisti Gizaachoon#MootummaaIda’amuu