Maanchisteer Yuunaayitiid Tootinhaam Hootispaar waliin

Wait 5 sec.

Finfinnee, Fulbaana 30, 2019 (FMC) – Sagantaa taphoota Pirimeer liigii Ingilaandi torbee 6ffaan har’a taphoonni jaha ni taphatamu.Galgala Sa’aatii 1:30 irratti Maanchister Yuunaayitiid dirree isaa Ooltiraafoorditti Tootinhaam Hootispaar ni keessummeessa.Leenjisaa Maayikil Kaarikiin kan durfamu Maanchisteer Yuunaayitiid taphoota hanga ammaatti taasise shan keessaa tokko qofa injifachuu danda’e.Taphoota lama injifatamuun lama immoo qixa adda bahuun ni yaadatama.Tootinhaam Hootispaar gamasaatiin taphoota hanga ammatti taphateen sadii injifatamuun lama immoo qixa adda baheera.Sa’aatii 8:00 irratti immoo Arseenaal dirre isaarratti Liidsi Yuunaayitiid ni keessummeessa.Liigichi addaan cituun dura Biraayitaniin kan injifatame Arseenaal gara injifannootti deebi’uuf ni falmata.Liidsi Yuunaayitiid taphoota taasise shan keessaa lama injifatamuun sadii immoo qixa baheera.Tapha biroon galgala sa’aati 11:00 irratti Cheelsiin Istaamfoord Birijitti Boornmaawuuz waliin taphata.Cheelsiin injifannootti deebi’uuf falmiin taasisu ni eegama.Sa’aatidhuma walfakkaatuutti Astoon Viilaan Bireentifoordi waliin, Ippiiswich Taawun Fuulhaam waliin akkasumas Sandarlaandi Biraayitan waliin ni taphatu.Wandimmaganyi Tsaggayyeetiin.#Mootummaa ida’amuu.