Finfinnee, Fulbaana 27, 2019 (FMC) — Pirojektii Madda humna niwukilarii Itoophiyaa ijaaramuuf karoorfameen walqabatee, qophii pirojektichaa fi kallattiiwwan tarsiimawoo hojii irra oolmaa itti aanu irratti mariin xiyyeeffate gaggeeffameera.Komiishinarri Komishinii Humna Niwukilarii Itiyoophiyaa Dooktar Abrahaam Balaay, hoggantoota Ministeera Dhimma Alaa fi Waajjira Ministira Muummee waliin mari’ataniiru.Mariichaanis, pirojektii madda humna niwukilarii biyyattii keessatti ijaaruuf karoorfame dhugoomsuuf waliigalteewwan gam lamee barbaachisan qopheessuu fi kallattii hojiiwwan itti aananii irratti marii bal’aa geggeessaniiru.Haaluma kanaan, haala qindoomina biyyaalessaa pirojekticha gahumsaan hojiitti hiikuuf gargaaran cimsanii itti fufsiisuu dandeessisu irratti kallattiin kaa’ameera.Waltajjiin kunis wabii anniisaa biyyattii mirkaneessuu fi sochiiwwan tarsiimawoo fi dandeettii dippiloomaatii biyyaalessaa damee kana irratti ijaaruuf taasifaman daran saffisiisuu kan xiyyeeffate ta’uun ibsameera.Dabalataanis,boqonnaa guddaa kutannoo cimaan Itoophiyaan misooma anniisaa qulqulluu, haaromfamuu danda’uu fi amansiisaa ta’eef qabdu yeroo irraa gara yerootti cimee dhufuu isaa agarsiisu ta’uu Komishinichi ibseera.#MootummaaIda’amuu