Dooktar Abiy Ahimad Ministira Dhimma Alaa Hindii Dooktar Suubraahimaaniyaa Jaayishaankaar waliin mari’atan

Wait 5 sec.

Finfinnee, Fulbaana 29, 2019(FMC)- Ministirri Muummee RDFI Dooktar Abiy Ahimad Ministira Dhimma Alaa Hindii Dooktar Suubraahimaaniyaa Jaayishaankaar waliin mari’ataniiru. Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad ergaa mniidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsaniin, Ministira Dhimma Alaa Hindii Dooktar Suubraahimaaniyaa Jaayishaankaar fi jila isaanii waliin guyyaa har’aa wal arguu ibsaniiru. Turtiin keenya michummaa cimaafi waggoota dheeraa Itiyoophiyaafi Hindi irra deebiin kan mirkaneesse yoo ta’u, daawwannaa tibbana Hindiitti taasisee fi turtii Ministira Muummee Hindii Naareendiraa Moodii waliin taasise hordofee michummaa keenya tumsa cimaafi tarsiimawaa irratti hundaa’e guddisuuf carraalee jiran irratti mari’anneerra jedhan ergaa isaaniin. #MootummaaIda’amuu