Finfinnee, Fulbaana 30, 2019 (FMC)- Barnoonni keenya galma qabsoo keenyaa kan itti murteessinuudha jedhan Pireezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaan.Mootummaan Naannoo Oromiyaa cabiinsa sirna barnootaa keessatti mudate suphuun dhaloota ofitti amanamummaa fi dorgomaa ta’e akkasumas jaalala biyyaa qabu horachuuf Sirna barnootaa qulqullina qabu, dhaqqabummaafi haqa qabeessaa ta’e hojiirra akka oolu taasisaa jira.Biiroon Barnootaa Oromiyaas barattoota bara 2018 Qormaata Biyyaalessaa kutaa 12ffaan qabxii olaanaa galmeessan guyyaa har’aa magaalaa Bishooftuutti beekkamtiifi badhaasa kenneera.Pireezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa sagantaa kanarratti ergaa dabarsaniin, Barnoonni keenya egeree keenya, meeshaa waa hundaan itti dursinu ta’uu kaasuun, Barnoonni keenyaa hundaa ol Galma qabsoo keenyaa kan itti murteessinudha jedhan.Barnootarratti xiyyeeffannaan kennamee hojii hojjetamaa jiruun bakka kufeerraa mataasaa akka ol qabatu taasifamee jiraachuu kaasuun, sabni barnootaafi teeknolojiin hin gahoomne eessayyuu gahuu hin danda’u waan ta’eef dhaloota barnootaaf teeknoloojiidhaan gahoomsuudhaaf xiyyeeffannaan hojjetamaa jiraachuu himaniiru.Yeroo itti aanuuttis barnoonni keenyaa ka’ee akka dhaabbatu, dandeettii barsiisoota keenyaa fooyyeessuu, gosoota baruumsaa murteessoo ta’an irratti xiyyeeffachuufi hooggansa barnootaa fooyyeessuurratti xiyyeeffachuun kan hojjetamu ta’uu dubbataniiru.Barattoonni guyyaa har’aa badhaafaman qabxiin amma fidan qabxii sabichaa ta’uu beekuun, naamusa cimaan ergama qabsoo itti aanuuf of qopheessuu akka qaban dhaamuu isaanii ragaan Tajaajila Kominikeeshinii Oromiyaarraa argame ni mul’isa.