Humna Poolisii biyya guddoo fi ummata guddaa Itiyoophiyaaf madaalu ijaaruuf hojjetamaa jira — Komiishinar Jeneraal Dammallaash Gabramikaa’el

Wait 5 sec.

Finfinnee, Fulbaana 30, 2019 (FMC) — Humna poolisii Biyya guddoo Itiyoophiyaa, ummata ishee fi mootummaa ishee mul’ata guddaa qabu kana madaalu ijaaruuf hojjetamaa jira jedhan Ajajaan Waliigalaa Poolisii Federaalaa Komishinar Jeneraal Dammallaash Gabramikaa’el.Miseensonni Poolisii Federaalaa Itiyoophiyaa leenjii addaa hojiiwwan opireeshinii fudhatan Naannoo Affaar, Giddugala Leenjii Opireeshinii Addaa Adaayituutti eebbifamaniiru.Sirna eebbaa kanarratti Komishinar Jeneraal Dammallaash Gabramikaa’el akka ibsanitti, humna poolisii biyya guddoo Itiyoophiyaa, ummata ishee fi mootummaa mul’ata guddaa qabuuf malu ijaaruuf hojjetamaa jira.Hojii kanaanis diinota keessaa fi alaa nageenyaa fi tasgabbii Itiyoophiyaa jeequuf socho’an irratti dirqama poolisummaa kenname gahumsaan bahachuuf dandeettiin barbaachisu uumamaa jiraachuu ibsaniiru.Hojiiwwan Yuunivarsiitii Poolisii Itiyoophiyaan jijjiiramaan booda hojii poolisii biyyattii ammayyeessuuf hojjetamaa jiran keessaa inni ijoon dandeettii opireeshinii poolisii sadarkaa olaanaatti guddisuuf leenjiiwwan ogummaa addaa garaagaraa kennuu ta’uu odeeffannoon Poolisii Federaalaa ni mul’isa.Eebbifamtoonni har’aas leenjii gochaan deggeramee fi haala qilleensaa fi teessuma lafaa rakkisaa keessatti dirqama poolisummaa kamiyyuu bahachuu isaan dandeessisu keessa darbuun isaanii ibsameera.#Oromia #Ethiopia #MootummaaIdaamuu