Sirna Daldalaa biyya keessaa ammayyeessuuf cichoominaan ni hojjenna- Aadde Yaasmiin Wahaabirabii

Wait 5 sec.

Finfinnee, Fulbaana 28, 2019 (FMC)- Sirna daldalaa biyya keessaa ammayyeessuu fi saffisiisuu akkasumas, hojiilee sadarkaa addunyaatti eegalaman itti fufsiisuuf cichoominaan ni hojjenna jedhan Ministirri Ministeera Daldalaa fi Walitti Hidhamiinsa Naannawaa Aadde Yaasmiin Wahaabirabiin.Aadde Yaasmiin itti gaafatamummaa Mootummaa fi biyyaan itti kenname raawwachuuf qophii ta’uu Faanaa Miidiyaa Korpooreeshiniif ibsaniiru.Hojiilee Sirna daldalaa Itiyoophiyaa fi naannawaa daldala bilisaa Afrikaatti, akksasumas, sadarkaa addunyaatti eegalaman cimsanii kan itti fufsiisan ta’uu kaasaniiru.Rakkoolee damichaan jiran furuun, sirna daldalaa ammayyaa, saffiisaa fi dhaqqabamaa ta’ee diriirsuuf qindoominaan kan hojjetan ta’uu dubbataniiru.Daldalaa alaa biyyattii guddisuuf qooda fudhattoota waliin kan hojjetamu ta’uus eeraniiru.Kallattiiwwan mootummaan kennaman hojiirraa oolchuufis qophii ta’uu ibsaniiru.Tsahaay Gulummaatiin.#Mootummaa Ida’amuu