Taphootni Piriimeer Liigii Itiyoophiyaa bara 2019 har’a eegala

Wait 5 sec.

Finfinnee, Fulbaana 29, 2019 (FMC) – Taphootni Piriimeer Liigii Itiyoophiyaa bara 2019 har’a kan eegalu yoo ta’u, taphni Itiyoo Elektiriik Adaamaa waliin taasisu ni eegama.Taphootni marsaa jalqabaa har’aa eegalee hanga Amajjii 9, 2019tti taphatama.Waltajjii kanarratti Kilaboonni 18 kan hirmaataan yoo ta’u, Istaadiyeemoota 7tti taphatu.Taphni jalqabaa har’a sa’aatii 9:00 eegalee Itiyoo Elektirikii fi Adaamaa gidduutti Istaadiyeemii Finfinneetti ni taphatama.Akkasuma sa’aatii 10:00 irraa jalqabee Halaabaan Istaadiyeemii Halaabaatti Yuunivarsiitii Walwaaloo Addigiraat keessummeessa.Torbee jalqabaa kanaan Nageelleen Arsiin Qiddus Giroorgis, Shaggar ammoo Buna Itiyoophiyaan wlaiin taphatu.Istaadiyeemiin Finfinnee, Istaadiyeemiin Yuunivarsiitii Saayinsiifi Teeknoloojii Adaamaa, Istaadiyeemiin Idil Addunyaa Baahir Dar, Istaadiyeemiin Yuunivarsiitii Hawaasaa, Istaadiyeemiin Halaabaa, Istaadiyeemiin Abiyoo Ersaamoo \ Hosaanaafi Istaadiyeemiin Yuunivarsiitii Arbaa Minci Kaampaasiin Abbayaa Istaadiyeemoota taphoota bara kanaa keessummeessaniidha.Siifan Magarsaa fi Dajanuu Gonfaatiin#MootummaaIda‘amuu