Magaalaa Alaamaaxaatti Lammiilee Rakkoof Saaxilamaniif Deeggarsi Namoomaa Dhihaachuu Eegale

Wait 5 sec.

Finfinnee, Fulbaana 30, 2019 (FMC) — Magaalaa Alamaaxaatti lammiilee rakkoof saaxilamaniif deeggarsa namoomaa barbaachisaa dhiyeessuun eegalameera.Sagantaa deeggarsa namoomaa guutummaatti baajeta Mootummaa Federaalaatiin uwwifame kanaan, jiraattota magaalattii haala rakkisaa keessa jiraniif gargaarsi namoomaa hatattamaa dhihaachaa jira.Jiraattonni magaalattii akka ibsanitti, mootummaan deeggarsicha guyyoota muraasa keessatti hatattamaan akka qaqqabu taasisuun, lammiileef yeroo rakkootti dafee kan qaqqabu ta’uu isaa qabatamaan agarsiiseera.Raabsi deeggarsa namoomaa cimee kan itti fufu yoo ta’u, sirnoonni deeggarsichi qaamolee hawaasaa qabatamaan rakkoo keessa jiraniif ittiin qaqqabu hojii irra ooluun ibsameera.#Ethiopia #MootummaaIdaamuu