Finfinnee, Fulbaana 28, 2019 (FMC)- Kaniin fudhadhe itti gaafatamummaa guddaa biyyaa fi Uummtaati jedhan Ministirri Muummee Ittaanaan obbo Tamasgeen Xurunaa. Walga’ii idilee 1ffaa bara hojii 7ffaa Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataa guyyaa har’aa gaggeeffame irratti Obbo Tamasgeen Xurunaan irra deebiin Ministira Muummee Ittaanaa ta’uun muudamaniiru. Obbo Tamasgeen Xurunaa ergaa miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsaniin, Kaniin fudhadhe itti gaafatamummaa guddaa biyyaa fi Uummta tajaajiluuti jedhan. Itiyoophiyaafi Itiyoophiyaanota hangan danda’u tajaajiluun itti gaafatamummaa koo akkan bahadhu deeggarsiifi kadhannaan hunda keessanii barbaachisaadha jechuun dhaamaniiru. Dhiyeessummaa Ministira Muummee Dooktar Abiy Ahimadiin Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataan ragga’ee Ministira Muummee Ittaanaa ta’ee tajaajiluuf irra deebiin carraa argadheera jedhan. #MootummaaIda’amuu