Injifannoon Adwaa kan Itiyoophiyaa qofa osoo hin taane seenaa Ummattoota Addunyaa gara Kibbaati – Ministira Alaa Hindii

Wait 5 sec.

Finfinnee, Fulbaana 29, 2019 (FMC) – Injifannoon Adwaa kan Itiyoophiyaa qofa osoo hin taane seenaa Ummattoota Afrikaa fi Addunyaa gara Kibbaati jedhan Ministirri Alaa Hindii Dooktar Suubraamaaniyaam Jaayishaankaar.Daawwannaa hojiif kaleessa galgala Finfinnee kan dhufan Dooktar Suubraamaaniyaam Jaayishaankaar waltajjii tumsa Afrikaa fi Hindi qophaa’erratti ibsa taasisaniiru.Tumsi Daldalaa Hindii fi Afrikaa Doolaara biiliyoona 100 caaluu eeruun, michummaa qaamolee lamaanii caalmaatti cimsuun murteessaa ta’uu dubbatan.Tumsichi sirna Addunyaa haaraa akkaataa madaaluun ta’uu akka qabu kaasan.Yaadannoo Injifannoo Adwaa erga daawwataniin booda Injifannoon Adwaa kan Itiyoophiyaa qofa osoo hin taane seenaa Ummata Afrikaa fi Addunyaa gara Kibbaati ta’uu himan.Injifannichi biyyoota kolonii jala turaniif hamilee fi mallattoo olaanaa ta’uu kaasuun, bakka kanatti argamee haasawa taasisuu kootti gammachuu guddaatu natti dhagahame jedhan.Mul’ata bara dheeraa Hindii bara 2047 jedhamu Ajandaa Afrikaa 2063 waliin walitti hidhuun galma waloof hojjetamaa jiraachuu ibsan.Ministirri Muummee Hindii Naareendiraa moodiin hariiroo fi michummaa biyyoota Afrikaa waliin qabaniif iddoo olaanaa kan kennan ta’uu irra deddeebiin dubbachaa turan.Alamsaggadi Asaayyeetiin#MootummaaIda’amuu